Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Kaabinoonni Abiy Ahimed mooraa Awaash Bishoolaa keessatti leenji’aa jiran iddoo leenjiitii badaa jiraachuun dhaga’ame 

ONM-ABO Caamsaa 10, 2025 

Gareen faashistii PP kan impaayera Itiyoophiyaa afaan qawween of harkaa qaba kufaatii isa mudate dandamachuu dadhabuun kallattii hundaan fincila isa irratti geggeeffame cabsuuf dargaggootaa hanga jaarsoliitti waraana keessatti hirmaachisuun du’aa gatii hin qabneef saaxilaa jira. 

Gareen dhiiga lammiilee qulqulluun aangoo isaa dheereffachuuf tattaafachaa jiru kun tarsiimoon waraanaa isaa kun lammiilee ni miidhe malee hin fayyanne jedhee gadi taa’uun rakkoo siyaasa impaayerattii karaa nagaa fi mareen furuu irra lola biraa kan daran lammiileen, hawaasni ganda tokkoo fi maatiin wal dura dhaabbatu tolchuuf kaabinoota guutuu Oromiyaa irraa Ebla 30, 2025 leenjii loltumma mooraa leenjii waraanaa Awaash Bishoolaatti jalqabsiisuun namoota baay’ee abdii nagaaf qaban kutachiisuun namoota kanneeniifis akka yaadda’aa taasiseera.

Haa ta’u malee leenjii kana irratti kan hirmaataa jiran bulchaa aanaa, itti aanaa, bulchiinsaa fi nageenyaa fi bulchaa gandaa fuuldura isaaniitti karoora Abiy Ahimed lolaaf qabate jibbuun yaadda’uun dheengadda Caamsaa 8, 2025 mooraa Awaash Bishoolaa kana keessa akka  guutuu Oromiyaatti leenji’an keessaa 100 ol baduu aanaaleetti xalayaa erguun akka eeganii qabanii deebisan gaafatanii jiru.

Guyyaa kaleessaa Caamsaa 9, 2025 godina Arsii Bahaa aanaa Muuneessa keessatti karaa isaan isaan magaalaatti ykn maatii biratti galan jedhan xalayaa isaan qaqqabe irratti hundaa’uun sakattaa geggeessaa turan.

Akka maddeen jedhanitti guyyaa  kaleessa Caamsaa 9, 2025 magaalaa Muuneessaa kan taate Qarsaa karaa kaabineen leenjii irraa baddee deebitee aanaatti galtuu sakattaa ooluun kaabinee tokkos argachuu dadhabanii ofiis dhama’anii hawaasa imala irra jirus rakkisaa turuun kan yaadatamuudha.

Exit mobile version