Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Kaadiroonni murna Bilxiginnaa mooraa waraanaa Awaash Bishoollaatti leenjii fudhachaa turan erga xumuranii booda gara naannoo irraa deemaniitti deebi’uun hawaasa irratti doorsisaa fi sodaachisa raawwachaa jiraachuun dhaga’ame

ONM-ABO Waxabajjii 22, 2025 

Murni afaan qawween ajjeechaa fi doorsisa garaa garaa raawwachuun umurii aangoo isaa dheereffachuuf dhama’u Bilxiginnaan kaadirootaa fi kaabinoota walitti guuree leenjii dabalataa jechuun mooraa waraanaa Awaash Bishoollaatti leenjii siyaasaa fi loltumnaa kennaa turuun ibsame.

Durumaayyuu ergama diinummaa qaama olii irraa itti kenname milkeessuun gammachiisanii dhiiga ilmaan Oromoo dhangalaasuun garaa isaanii furdifachuun kan jiraatan kaadiroonni fi kaabinoonni impaayerattii, tibbana immoo maqaa leenjii loltummaa jedhuun mooraa leenjii Awaash Bishoollaatti gocha dabaa fi hamneenyaa abbaa isaanii irraa barsiifamuun bobbaafamaniiru.

Bifuma kanaan kaadiroonni murna Bilxiginnaa leenjii xumuruun eebbisiifamanii bobbaafaman kun gara bakka  ramaddii isaanii duraaniitti deebi’uun akka waan leenjiin isaanii nageenya waaraa lammiileef argamsiisuu danda’uutti hawaasa naannoo irratti bobbaafamanii fi addatti immoo maatii qabsaa’otaa uummata keessaa qooduun “lafa kana irra jiraachuu hin dandeessan, isin fixna” jechuun uummata meesha-maleessatti dhaadachaa jiraachuu jiraattonni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru. 

Mataa nafxanyootaa kan ta’e koloneel Abiy Ahimed qabsoo wareegama qaalii ilmaan Oromootiin dhufe butee teessuma aangoo siyaasaa qabachuun akka waan Oromoo fi Oromiyaaf yaaduutti of dhaadhessee uummata Oromoo afaan faajjessuuf yaalus, sobni isaa erga irratti saaaxilamee booda, dhaala abbaa isaa Minilikiin kan ta’e ilmaan Oromoo lagaa fi kutaan qoqqoodee wal ficcisiisuuf carraaqaa jira.

Exit mobile version