Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Mooraan waraana Abiy Ahimed lola keessoon muddame loltoota haaraa leenjisuuf Godina Kaaba Shaggar Aanaa Warra Jaarsoo keessaa barattoota dabalatee dargaggoota humnaan leenjii waraanummaatti fe’aa jiraachuun barame 

ONM-ABO Caamsaa 10, 2025 

Lola keessaa ba’uu hin dabdeenye tarsiimoo ittiin aangoo dheerefatan waraana taasifachuun lammiilee impaayerattii irratti erga banee dargaggoota hedduu humnaan qabuun leenjisee waraanaaf bobbaasus dargaggootni mul’anni jireenyaa isaanii Abiy Ahimediin jalaa fuudhamee maatiitti nagaan deebi’anii galuu hin dandeenye, nagaanis impaayera keessatti hin dhufne.

Lola erga aangootti dhufee baajeta waggaa muraasaa impaayerattiif ta’uu danda’u biliyoona 30 ol balleesseen jijjiiramni siyaasaa argame jiraachuu baatus har’as mataan lola labsuu fi qarabaa lammiileetti harkisiisuu tarsiimoo godhate, dargaggoota impaayerattii lola marsaa biraaf qopheessuu fi egeree isaanii du’a taasisuuf qe’ee fi maatii isaanii biraa humnaan qabanii fe’aa jiru.

Keessumaa baatii Ebla irraa eegaluun bifa haaraan loltoota haaraa leenjisuuf dirqama Abiy Ahimed irraa maqaa mootummaa Oromoo tiksuu fi dirqama biyyoolessaa qabnaan gadi bu’een dargaggootni Oromoo hedduun kan funaanamaa jiran yoo ta’u, Kaaba Shaggar aanaa Warra Jaarsoo magaalaa Qarree Gohaa keessaa torbee kana barattootni osoo hin hafne mana barumsaa keessatti ol seenanii akka bara bulchiinsa abbaa irree Dargiitti qabanii leenjiif fe’aa jiraachuu gabaasni Warra Jaarsoo irraa arganne ni addeessa.

Gareen Abiy Ahimediin aangoo irra bubbulchuu barbaadu kun Oromiyaa bakkoota hedduu keessatti dargaggoota humnaan qabuu kan jabeessan yoo ta’u, baatii Ebla keessa dargaggootni humnaan qabaman 27 magaalaa Buraayyuu keessaa bakka hidhamanii cabsanii ba’uu fi Arsii Lixaa aanaa Gadab Hasaasaa keessatti gocha wal fakkaataa galma keessaa cabsanii ba’anis eegdotni PP rasaasa itti dhukaasuun namoota muraasa miidhuun ni yaadatama.

Exit mobile version