ONM-ABO Caamsaa 16, 2025
Biyya dhugaa fi murtiin seeraa haqa qabeessi keessatti maseene, akkasumas sabootaa fi sab-lammoota koloneeffachuun walitti guuranii humna waraanaan of utubuun impaayera hundeessanii cunqursaa raawwatan keessatti, yeroo ammaa kana sababa lolli keessaa itti hammaatee fi alaanis itti seena shakkiin jedhu hudhee morma of qabuu hordofee dargaggoota ukkaamsuun jabaatee itti fufee jiraachuu jiraattonni ONM’f eeraniiru.
Haaluma kanaanis Caamsaa 12, 2025 irraa eegalee aanota godina Arsii Bahaa irraa dargaggoota hedduu humnaan ukkaamsuun waajjira poolisii aanaalee kanneeniitti hidhanii osoo maatiin duukkaa bo’anii dirree leenjiitti guuraa jirachuus dubbatu.
Sirni bulchiinsa abbaa irree impaayerattii kan fedhii fi filannoo uummataan ala humna waraanaa fi doorsisa afaan qawween ijaarame, har’as dhiiga ijoollee hiyyeessaan umurii dheereffachuuf dibbee lolaa tumaa jiranitti dargaggeessa qopheessaa jiru.
Lola Tigraayitti dargaggoota impaayerattii 300,000 oltu dhume jedhamee osoo jiruu, Oromiyaa keessatti osoo nagaa hin buusne Amaaraatti lola kan bane Abiy Ahimed, yeroo lolli Kaaba impaayerattii fi Ertiraa gidduutti deebi’ee ni ka’a jedhamuun sodaatamaa jirutti carraan dargaggoota kanaa barcuma Abiy Ahimed tiksuuf wareegamuu ta’uu kaasuun, tarsiimoo lolaa fi uummata gooluu inni qabatee socho’u kan morman hedduu ta’uun ni beekama.

