Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Humnoonni deggarsa saffisaa mana hidhaa Sudaan Kaaba Kordofan irratti haleellaa raawwatanii namootni 21 ajjeefamu Networkiin Doctorootaa hime

ONM-ABO Caamsaa 11, 2025 

Humnoota deeggarsa saffisaa (RSF) mana hidhaa El-Obeyid kan magaalaan guddoo kutaa Kaaba Kordofan Kibba Sudaan keessatti xiyyeeffachuun haleellaa raawwataniin yoo xiqqaate namoonni 21 yoo du’an, 47 ammoo madaa’uu isaanii Neetworkiin Doktoroota Sudaan Sanbata kaleessaa ibseera.

“Dhaabbata siiviilii irratti itti yaadanii haleellaan raawwachuun jeequmsa naannichatti deemaa jiru keessatti hammaataa ta’uu agarsiisa,” jechuun neetworkiin hidhata mootummaa hin qabne kun ifoomse.

Manni hidhaa kun hidhamtoota 5,000 kan qabu ta’uu ibseera.

Gama biraatiin ammoo Ministirri Odeeffannoo Mootummaa Kaaalid Al-Ayiser akka jedhanitti: “Wanti mana hidhaa El-Obeyid keessatti ta’e yakka waraanaa guutuu ta’uu isaatiin, sarbamiinsa milishaa fi deeggartootni isaa uummata nagaa Sudaan irratti raawwatanitti kan dabaleedha.”

Taatee kana kan mudate, guyyaa torbaffaaf walitti aansuun magaalaa guddoo bulchiinsaa yeroof biyyattii kan taate Port Sudaan irratti haleellaan diroonii itti fufee jiruuni.

Dilbata irraa eegalee magaalaan guddoon biyyattii yeroof, Poort Sudaan, bakka siiviilii fi waraanaa, bakka boba’aa fi buufata humna elektiriikaa irratti xiyyeeffachuun haleellaa irra deddeebiin raawwachaa turuun ni beekama.

Erga Ebla 2023 irraa kaasee RSF guutuu Sudaan to’achuuf lola geggeessus baatii Fulbaanaa 2024 irraa eegaluun humni waraanaa Sudaan injifannoo irratti argachaa dhufuun baatii darbe keessa magaalaa Kaartum keessaa isaan baaseera.

Lola walii waliinii kanaanis namootni 20,000 du’uu miliyoonni 15 buqqa’uun Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii yoo ibsu, qorannoon hayyoota Ameerikaa garuu lakkoofsa namoota du’anii naannoo 130,000’tti ga’a jechuu isaa Anaadooluun gabaaseera.

Exit mobile version