ONM Caamsaa 13, 2025
Arsii Bahaa aanaa Suudeetti Caamsaa 11, 2025 irraa eegalanii maqaa kaffaltii buusaa gonofaa jedhuun tokko tokkoon jiraattotaa irraa qarshii 1,000 dirqamaan guuraa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.
Kana malees, gandoota kanneen keessatti armaan duras maqaa deggersa raayyaa ittisa impaayerattiif jedhuun marsaa hedduuf hawaasa harka qalleeyyii kanneen irratti saamicha raawwachaa turan; yeroo ammaa kanas bifa haaraa ta’een itti fufuun nama tokko irraa qarshii 700 funaanaa kan jiran ta’uu maddeen itti dabaluun eeranii jiru.
Haawasni aanichaa cufti saamicha irra deddeebiin irratti raawwatamaa jiru kanaan dinagdeen isaanii harkatti quucaraa jiraachuu irraan kan ka’e egeree isaaniif yaaddoo hamaa keessa kan jiran ta’uunis ifoomeera.

