ONM-ABO Caamsaa 15, 2025
Arsii Bahaa aanaa Suudeetti jaleewwan Bilxiginnaa haala duraan barameen olitti hawaasa harka qalleeyyii saamuu ittuma fufuun nama tokko irraas:
- Deggersa raayyaa ittisa impaayerattiif qarshii 1,000,
- Deggersa milishaatiif qarshii 600,
- Buusaa Gonofaa qarshii 1,000 akkasumas,
- Kaffaltii eegumsa halkanii jechuunis qarshii 500 dirqamaan funaanaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.
Akka maddeen himanitti, yeroo ammaa kanas guutummaa aanichaa keessatti sababa saamicha humnaa olii kanaaf jecha hawaasni gara itti deebi’u dhabuun dararaa ulfaataa keessa jiraachuu dubbatu.
Bilxiginnaan gam-tokkoon ilmaan hiyyeessotaa dirqiin mooraa waraanaatti erguun lubbuu isaaniin taphachaa osoo jiruu, kallattii biraan ammoo maatii ilmaan isaanii ukkaamfamanii dhiiga isaaniin barcuma isaanii tikfachaa jiranitti deebi’uun maqaa deggarsaan sirnichaaf saamicha irratti taassisaa jira.

