Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Arsii Bahaa Aanaa Suudeetti ergamtoonni Bilxiginnaa irra deddeebiin jiraattota irratti saamicha raawwachuu hammeessan

ONM-ABO Bitootessa 16, 2025 

Arsii Bahaa aanaa Suudee ganda Ashmiiraa Warganbuullaa fi magaalaa Darrabbaa ganda 01 keessatti Bitootessa 13, 2025 irraa eegaluun ergamtoonni sirna bututaa suphuuf saamichaan dinagdee uummata Oromoo quucarsaa jiran loltoonni Bilxiginnaa, maqaa kaffaltii buusaa gonofaa jedhuun qarshii 1,160 akkasumas  deggersa waraanaaf ammoo qarshii 1000 dirqamaan guuraa jiraachuu jiraattonni dubbisne tokko tokko Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Guutummaa aanichaa keessatti ergamtoonni Bilxiginnaa kunneen irra deddeebiin hawaasa harka qalleeyyii irratti saamicha daangaa darbe raawwachaa jiraachuu irraan kan ka’e, wayita ammaa kana hawaasni ofiifuu qaala’iinsa jireenyaan waldhaansoo wal qabaa jiraatu gara itti deebi’u dhabee rakkoo hamaa keessa kan jiru ta’uu maddeen itti dabaluun eeranii jiru.

Ergamtoonni murna Bilxiginnaa maseenuu dinagdee impaayerattii hundee godhachuun saamicha ulfaataa uummata Oromoo irratti raawwachuu haala duraan barameen olitti cimsanii itti fufanii jiru.

Exit mobile version