Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Arsii Bahaa Aanaa Suudeetti ergamtoonni Bilxiginnaa jiraattota irratti saamicha raawwachuu hammeessan

ONM-ABO Bitootessa 22, 2025 

Aanaa Suudee ganda Ashmiiraa Warganbullaa, Lashee Darrabbaa fi magaalaa Darrabbaa ganda 01 keessatti Bitootessa 19, 2025 irraa eegaluun lukkeeleen faashistii PP maqaa kaffaltii nyaata milishaa jedhuun nama tokko irraa dirqamaan qarshii 600 funaanaa jiraachuu jiraattonni dubbisne tokko tokko Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Aanicha keessatti ergamtoonni Bilxiginnaa kunneen irra deddeebiin saamicha ulfaataa raawwachaa jiraachuu irraan kan ka’e, hawaasni ofiifuu qaala’iinsa jireenyaan waldhaansoo wal qabaa jiraatu gara itti deebi’u dhabee rakkachaa kan jiru ta’uun dabalataan ibsameera.

Kufaatii dinagdee impaayerattii mudateen egeree isaaf sodaa guddaa keessa kan seene Bilxiginnaan, goleewwan Oromiyaa cufatti ergamtoota isaa kumaatamaan bobbaasuun uummata ofiifuu qaala’iinsa jireenyaatiin gidiraa hamtuu keessa jiru saamsisuu itti fufee jira.

Exit mobile version