Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Iluu Abbaa Booraa Aanaa Hurrumuutti dararaan hidhamtoota siyaasaa irratti haalaan jabaachuu ONM odeeffate

ONM-ABO Caamsaa 16, 2025 

Aanaa Hurrumuutti hidhamtoonni siyaasaa kanneen hidhata Waraana Bilisummaa Oromoo qabdu jedhamuun shiftoota koloneel Abiy Ahimediin dharaan yakkamanii hidhaatti darbatamanii jiran danuun manneen hidhichaa keessatti rakkooleen adda addaa isaan quunnamaa jiraachuun beekame.

Akka hidhamaan tokko mooraa sirnichaa keessaa yeroo dhiyoo bahe himetti haalli qabiinsa hidhamtootaa hedduu yaaddessaadha  jechuun, hidhamtoonni kunneen mana keessaa ba’uu dhorkamuun carraa  mana fincaanii deemuu baay’ee xiqqaa fi sababa hanqina adda addaanis namoonni hedduun dhukkubootaaf saaxilamaa akka jiranis itti dabaluun himaniiru.

Impaayera hireen ilmaan namaa ajjeefamuu, hidhamuu, saamamuu fi manneen irratti gubachuu taate keessatti mirga gaaffii gaafachuu mitii bahanii galuunuu haalaan jabaatee jiru keessatti waraanni manneen jiraattotaa irra deemuun shakkii hariiroo Waraana Bilisumma Oromoo qabdu jedhuun hidhus, kanneen maallaqa qaban kaffalanii kan ba’an oggaa ta’u, harka qalleeyyiin garuu daba tokko malee waggoottaniif hidhaan hiraarfamaa jiraachuun kan beekamuudha.

Exit mobile version