ONM-ABO Caamsaa 17, 2025
Arsii Bahaa aanaa Jajuu ganda Huruta Dooree keessaa loltoonni maafiyaan PP maqaa ilmaan keessantu miseensa WBO’ti jedhuun namoota danuu hidhuun hiraarsaa jiraachuun ibsameera.
Maatii qabsaa’otaa hidhamanii jiran keessaas kanneen maqaa arganne:
- Abdallaa Amaan,
- Haakimoo Amaan,
- Boruu Birraa,
- Raggaasaa Taliilaa fi
- Qaacha Roobaa
kanneen jedhaman yoo ta’an, isaan keessaa nama Abdallaa Amaan jedhamu hedduu reebuu irraan kan ka’e nyaataa fi dhugaatii fayyadamuu dadhabuun yaalas dhorkamee yeroo ammaa kana du’aa fi jireenya gidduu jiraachuu maddeen gabaasan.
Garee maafiyaa kana jalatti namni balleessaa qabaateef osoo hin taane Oromummaa isaa qofaan hadheeffatamuun rakkachaa jiraachuu maddeen rakkoo hawaasaa ilaalan himaniiru.

