ONM-ABO Adoolessa 27, 2024
Maatiin qabsaa’otaa godina Arsii Bahaa aanaa Roobee keessa jiraatan maqaa ilmaan keessan miseensa WBO’ti jedhuun yakka tokko malee jumlaan hidhamanii jiraachuun barameera.
Namoonni biroonis maqaa hariiroo WBO waliin qabdu jedhamuun shakkiin hidhamanii jiran danuu ogguu ta’an, maatiin qabsaa’otaa hidhamanii jiran muraasni maqaan isaanii nu ga’e: Ibraahim Saanoo, Musxafaa Kaddee, Abdallaa Saanuu, Muddiin Ibraahim fi kanneen maqaan nu hin geenye danuun hidhamanii dararamaa jiraachuu ONM odeefateeta.
Aanaadhuma Roobee ganda Jeenaa Barbuqoo jedhamu keessaa ammoo namni kudhan kanneen maqaan isaanii nu ga’e Abdallaa Saanoo, Qaasoo Shaanqoo, Umar Amaan , Abduljaliil Amaan kanneen jedhaman humna waraana mootummaa abba irreen butamuun hidhamanii jiru.
Namni Abdoo Hajii Ahimad jedhamu bulchaa ganda Jeenaa kan ture sababa hojii murna faashistii PP hin barbaadu jedheef qarshii 10,000 adabamuun, Ibraahim kan jedhamu waliin lamaan keessanuu hidhata WBO waliin uumtanii jirtuun bulchiinsa magaalaa Roobeetti hidhamanii hiraarfamaa jiru.
Oduu biraatiin ammoo ona Suudeetti saamichi yeroo hundaa maqaa kaffaltii gibiraa, ispoortii, WMO kan bara kanaa fi kan waggaa dhufuuf jechuun dursanii irraa guuraa jiraachuun himameera.
Kana malees galgala aduun dhi’ee sa’a 1:30 taanaan maqaa labsii mootummaati jedhuun milishoonni fi waraanni bilbiloota harkaa namoota irraa saamuun, namootas hidhaatti darbachaa jiraachuu jiraattonni ONM’tti himaniiru.

