ONM-ABO Caamsaa 17, 2025
Biyya bulchiinsi diimokiraasii keessatti dagaagetti hooggansi nageenya ummataa mirkaneessuu fi lammiileef mirga isaanii kabajee kutannoo guddaan kan hojjetu ta’us, garuu kanneen akka impaayera Itiyoophiyaa bulchiinsa abbaa irreen buluu baran keessatti qaamoleen aangoo Impaayerattii of harkaa qaban lubbuu namoota nagaa baasuun taayitaa ol-aanaan kennamuufiin, gootummaadhaanis faarfamu.
Ajjeechaa loltoonni fi kaadiroonni Bilxiginnaa wal-ta’uun uummata hidhata siyaasaa hin qabne faallaa imala jijjiiramaati kan jedhuun miidhaa irraan ga’uu baran Caamsaa 14, 2025 godina Lixa Shaggar aanaa Dirree Hicinnii keessatti lubbuu dargaggoota lamaa galaafachuun himameera.
Dargaggoonni ajjeefaman kunneenis maqaan isaanii:
- Gabbisaa Lammeessaa ganda Abuyyee irraa,
- Mulgeetaa Fufaa ganda Laaftoo irraa akka ta’es jiraattonni ONM’f eeraniiru.
Kana malees dargaggoota lamas ajjeesuuf fuudhanii osoo deemaa jiranii harkaa fiiganii kan ba’an oggaa ta’u, sababa dargaggoota kanneeniifis qe’ee hawaasaatti dhukaasa banuun shororkaa guddaa raawwachaa akka turan beekameera.

