ONM-ABO Caamsaa 18, 2025
Aanaa Baakkoo Tibbee keessatti ergamtoonni Bilxiginnaa yeroo adda addaatti sodaa fi saalfii tokko malee, lafa qonnaan bultoota Oromoo humnaan saamuun abbootii qabeenyaaf kennaa kan jiran yoo ta’u, Caamsaa 15, 2025 gandoota akka:
- Odaa Kormaa,
- Amartii Gibee fi
- Tarkaanfataa Gibee
jedhaman keessaa lafa qonnaan bultoota hedduu saamanii abbootii qabeenyaaf kennuuf karoorfatanii, akeeka isaanii kana milkeessuufis doorsisa geggeessaa akka turan beekameera.
Jaleewwan kunneen, gandoota sadeen hunda keessaa qonnaan bultoota gara aanaatti waamanii “lafa keessan laattan malee, xaa’oon isiniif hin kennamu” jechuun doorsisuun akka mallatteessaniif dirqamsiisanis, qonnaan bultoonni immoo “lafa keenya hin laannu; xaa’oon keessan nutti haa hafu” jechuun didanii galuun dabalataan himamee jira.
Aanicha keessatti sababa tokko malee qonnaan bultoota jiruu harkaa gara afaanii qofa geggeeffatan lafaa fi qabeenyaa isaanii irraa ari’uun gatii guddaan abbootii qabeenyaaf dabarsanii kennuuf qopha’aa jiraachuun ibsamee jira.

