ONM-ABO Amajjii 16, 2025
Murni Bilxiginnaa gama isaaf danda’ame maraan ciqilee isaa saggoo ilmaan Oromoo irra dhaabbachuun bara aangoo isaa dheereffachuuf kan sursuru lafa qonnaan bultoota Oromoo humnaan saamuun abbootii qabeenyaaf kennaa jira.
Godina Iluu Abbaa Booraa aanaa Aallee bakka Dibira Diimaa jedhamutti ergamtoonni Bilxiginnaa lafa qonnaan bultoota Oromoo saamuun abbootii qabeenyaa Chaayinaaf kan kennan yoo ta’u, gocha Bilxiginnaa kana mormuun hokkora hawaasni Amajjii 13, 2025 irratti kaase hordofee daandiin konkolaataa dhaabbachuu jiraattonni gandichaa ONM’tti himan.
Abbootiin qabeenyaa lammiin isaanii Chaayinaa kanneen toora elektirikaa tamsaasan loltoota sirnichaa da’oo godhachuun lafa hawaasaa irraa: muuza, buna, baargamoo, maangoo fi biqiloota hedduu konkolaataa lafa qotuun buqqisaa kan jiran sobanii “qarshii isiniif laanna” jechuun kan dhowwatan ta’uunis ibsameera.
Hawaasni gandichaa lafti jalaa saamamee fi gowwomfaman immoo, “lafa keenyaaf beenyaa kaffaltan malee, miilla keessaniin akka irra ejjettaniif isiniif hin hayyamnu” jechuun diddaa cimaa ta’een hattuu lafa isaanii saamuuf bobbaate dhorkachaa jiraachuu jiraattonni gandichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.

