Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Arsii Bahaa Aanaa Muuneessaatti murni PP mormii hojjettoota mootummaa seekteroota adda addaa irraa isaan mudachaa jiruun raafama hamaa keessa jiraachuu ONM odeeffate 

ONM-ABO Caamsaa 20, 2025 

Mormiin ogeyyii fayyaatiin Caamsaa 13, 2025 eegale gara seektaroota hojii mootummaa birootti babal’achaa akka jiru barameera.

Ogeeyyiin fayyaa impaayerattii keessatti argaman erga gaaffiilee 12 baatii tokko dura dhimmoota adda addaa irratti gaafatanii deebii waaraa dhabanii kaasee lagannaan hojii guyyaa 2’ffaaf guutummaa impaayerattii keessatti adeemsifamaa kan jiru yoo ta’u, seektera fayyaan alattis babal’achaa deemuun godina Arsii Bahaa aanaa Muuneessaa keessatti hojjettoonni sirnichaa daballii miindaaf komii adda addaa dhiyeessaa akka jiran ONM’f himan.

Akka hojjettoonni mootummaa seektaroota garaa garaa himanitti, gaaffiileen ogeessonni kaasan gaaffii hunda keenyaati jechuun, miindaan nuuf kaffalamaa jiru jireenyaaf mitii ittiin buluufuu nu hanqachaa jira kanaaf mormiin hanga gaaffiin keenya deebii argatutti jabaatee itti fufa jechuunis himaniiru.

Gaaffiilee ogeessonni fayyaa kaasaniif deebiin ministeerri fayyaa impaayerattii kenne “tarkaanfii seeraa barbaachisaa ta’e akka irratti fudhatamu” jechuun hidhaa fi doorsisa labsus ogeessonni fayyaa sodaa tokko malee mormii isaan agarsiisaa jiran hojjettoota seektaroota adda addaas hirmaachisaa akka jirus itti dabaluun himaniiru.

Exit mobile version