Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Naannoo Oromiyaa keessaa Hojjettoonni Mootummaa Seektaroota garaa garaa irra jiran hedduu dararamaa jiraachuu ONM’tti himan

ONM-ABO Muddee 29, 2024 

Murni Bilxiginnaa ofiin jedhu kun kufaatii siyaas-dinagdee roga maraan isa mudatee jiruun wal qabatee deebisee of haaromsuuf yaalii taasisaa jiruun, yeroo adda addaatti tarsiimoo garaa garaa bocuun ergamtoonni caasaa adda addaa irra jiran ajaja humnaa olii walitti kennuun dararaa ulfaataa hojjettoota irraan gahaa jiru.

Bifuma kanaan, yeroo ammaa kanas akkuma guutuu Oromiyaatti hojjetaan mootummaa Seektaroota akka: misoomaa, fayyaa, barsiisummaa fi kanneen biroo irra jiran bakkuma hojiif ramadaman ta’anii akka hojjetaniif dirqamni gadi itti bu’ee dararaa hamaa keessa kan jiranii fi sababa kanaan hojjettoonni hedduunis hojii dhiisuuf murteessaa kan jiran ta’uu hojjetaan mootummaa dubbisne tokko yaada isaa miira aariin Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf kennee jira.

Akka namni kun himutti, qamni ani mootummaadha ofiin jedhu kun miilla tokkoon dhaabbatee lubbuun keessaa ba’uuf wargamaa jiraachuu himuun, dinagdeen illee kufuun miindaan ji’aa illee yeroo yeroon dhibbantaadhaan irraa muramaa jiraachuun wal qabatee qaala’iinsa jireenyaanis dararamaa jiraachuu dubbatu.

Exit mobile version