Godina Wallagga Lixaa, aanaa Sayyoo Nooleetti loltoonni koloneel Abiy Ahimed manneen hawaasa irratti gubuu itti fufan.
Haala kanaan Lixa Wallaggaa aanaa Sayyoo Noolee ganda Dabbasootti ergamtoonni sirna nama nyaataa PP hawaasa nagaa kanneen maqaan isaanii:
- Addunnee Gammadaa fi
- Mitikkuu Tasammaa
Jedhaman jalaa sababa tokko malee manneen jireenyaa isaanii qabeenya hunda waliin ibidda itti qabsiisuun gubanii jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.
Akka maddeen himanitti, namoonni gochi gara jabinaa kun irratti raawwate kunneen hirmaanna siyaasaa hin qabnee ta’uu fi ergamtootni Bilxiginnaa ammoo maqaa “hariiroo Waraana Bilisummaa Oromoo qabdu” jedhu itti maxxansuun kan yakkan ta’uu dubbatu.

