ONM-ABO Fulbaana 28,2024 Uummanni Oromoo sababa Oromummaa isaa qofaaf yakkamee badii tokko malee ergamtoota sirnichaan guyyaa guyyaan miidhaa hedduun irratti raawwatamaa jira.
Haaluma kanaan godina Lixa Wallaggaa aanaa Sayyoo Nooleetti gubaatiin manneenii loltoota impaayerichaan raawwatamu jabaatee jiraachuu maddeen himanii jiru.
Aanaa Sayyoo Noolee ganda Koobillaa jedhamu irraa Fulbaana 18,2024 “Waraana Bilisummaa Oromootu mana keessanitti horii qalatee nyaate” jechuun jiraattota maqaan isaanii:
- Sheek Adam,
- Faaris Muusaa fi
- Daani’eel Gaaddisaa jedhaman jalaa waraanni sirnichaa manneen jireenyaa isaanii qabeenya isaan manicha keessaa qaban waliin ibidda itti kaa’uun barbadeessanii jiraachuu maddeen himaniiru.
Yeroo ammaa kanas, maatiin qe’ee fi qabeenyi jalaa barbadaa’e kun bakkeetti bittinaa’uun, jireenya gadadoo harka namaa isaan ilaalchisuuf saaxilamanii jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf ibsanii jiru.

