Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Lixa Shaggar Aanaa Baakkoo Tibbee keessatti jaleewwan Bilxiginnaa maqaa xaa’oo isiniif kennina jedhuun qonnaan bultoota erga walitti qabanii booda “milishaa taatu” jechuun dirqamsiisaa jiraachuun himame

ONM-ABO Caamsaa 29, 2025 

Lixa Shaggar aanaa Baakkoo Tibbee ganda Biqiltuu Lakkuutti lukkeeleen Bilxiginnaa Caamsaa 26, 2025 irraa eegaluun qonnaan bultoota xaa’oo fudhachuu dhaqan hunda dirqamaan uffata milishaa itti uwwisanii qawwee baachisuun suuraa fi suur-sagalee garaa garaa namoota kanneenii waraabanii miidiyaalee adda addaa irratti erga tamsaasanii booda, “guyyaa har’aa irraa eegaltanii miseensa keenya taatanii jirtu, yeroo leenjiif isin waamnus hatattamaan argamuu qabdu” jechuun akeekkachiisanii xaa’oo kennaniifii gara qe’ee isaaniitti galchanii jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Qonnaan bultoota gandichaa haala kanaan gochi kun irratti raawwate keessaa kan maqaan nu ga’e:

  1. Abdiisaa Gaarii,
  2. Dassaalee Lalisaa,
  3. Namarraa Giddumaa fi 

kanneen maqaan isaanii hin eeramnes hedduu ta’uun eeramee jira.

Kanumaan wal qabatees, hawaasni gandichaa sodaa fi yaaddoo egeree isaaniif qabaniif jecha afoosha dabalatee walitti qabama jireenya hawaasummaa kanneen biroo illee addaan kutuuf dirqamanii jiraachuu maddeen itti dabaluun Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.

Exit mobile version