Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Lixa Wallaggaa Aanaa Baabboo Gambeelitti dararaan loltoota sirnichaan raawwwatu jabaatee itti fufee jiraachuu himan

ONM-ABO Caamsaa 29, 2025 

Qabsoo aarsaa fi wareegama uummataa hedduun dhufe jabeessee dirree diimokiraasiitti ceessisuu irra of-tuulummaa fi gara jabummaa raawwachuun ba’aa fi gala saba Oromoo dhorkaa kan jiru murni Bilxiginnaa Caamsaa 27, 2025 godina Lixa Wallaggaa aanaa Baabboo Gambeelitti miidhaa qaqqabsiisuu fi dargaggoota ukkaamsuun dhabamsiisuu jiraattonni ONM’f eeraniiru.

Taateen ukkaamsaa kunis ganda Guutee Raagoo keessatti kan raawwate oggaa ta’u, dargaggoota dirree kubbaa miillaa irratti shaakala geggeessaa turan itti marsuun qabanii yeroo sanaaf gara waajjira poolisii onichaatti kan geessan yoo ta’u, hanga gabaasni kun qindaa’etti bakka buuteen dargaggoota kanaa hin beekamin akka jirus ibsameera.

Dargaggoonni kunneenis maqaan isaanii:

  1. Rashaad Kamaal,
  2. Mujaahid Abduu,
  3. Qananii Taammanaa,
  4. Amantii Malkaa fi 
  5. dargaggoota sadii kanneen maqaan isaanii nu hin qaqqabin keessa jiruudha.

Kana malees maqaa kaffaltii WALQO jedhuun namoota danuu hidhaa kan jiran yoo ta’u isaan keessaa kan maqaa arganne:

  1. Kamaal Soorii,
  2. Abduu Toonee,
  3. Taaddasaa Irranaa 

kanneen jedhaman qabanii konkolaataa 3F’tti fe’anii deemuun hidhaatti darbataniiru.

Oduu biraatiin ammoo maanguddoo ganna 70 Obbo Girmaa Tolaa jedhamu badii osoo hin qabaatin qabanii reebicha ulfaataa irraan gahanii miidhaa ulfaataaf saaxilaniiru.

Exit mobile version