ONM-ABO Caamsaa 31, 2025
Paakistaan fi Hindiin ji’a kana keessa ollaawwan niwukilaraa hidhannoo qaban gidduutti hamma loltoota waldhabdeen osoo hin uumamin daangaa isaanii irratti ijaaramanitti hir’isuuf dhihoo ta’uu qondaalli waraanaa olaanaa Paakistaan Jimaata kaleessaa Rooyitarsiif himaniiru.
Gama lachuutiin jeettii waraanaa, misaa’ela, diroonii fi meeshaa waraanaatiin guyyoota afur walitti bu’iinsa uumuun, waggoota kurnan darban keessatti lola hamaa ta’e, osoo hin beeksifamin duratti fayyadamaniiru.
Lola yeroo dhiyootti diina durii gidduutti uumameen haleellaa Ebla 22 Kaashimiir Hindii keessatti raawwatamee fi namoota 26 kan ajjeese yoo ta’u, irra caalaan isaanii turistoonni turan. Niw Deeliin taatee kana “shororkeessitoota” Paakistaan deggartuun raawwate yoo jettu, himannaa kana Islaamaabaad ni haalti.
Caamsaa 7, Hindiin bakka “bu’uuraalee shororkeessummaa” daangaa ce’anii jiranitti misaa’elaan rukutuu yoo ibsitu, Paakistaan haleellaa kanaaf deebii kennuun biyyoonni lamaan humnoota dabalataa daangaa irratti ijaaranii turan.
Qondaalli waraana Paakistaan Jeneraal Sahir Shamshad Mirzaa, hoggantootni waloo Hindii fi Paakistaan adeemsa sadarkaa loltootaa gadi buusuu jalqabaniiru jedhan.
“Haala Ebla 22 duraatti deebi’uutti jirra… sanatti dhiyaachaa jirra, ykn ammatti itti dhiyaachuu qabna,” jedhan Mirzaan.
Ministeerri Ittisaa Hindii fi Waajjirri Hojjettoota Ittisaa Hindii yaada Mirzaan kenne ilaalchisee yaada kennuudhaaf gaaffii Rooyitars dhiheesseef battalumatti deebii hin kennine.

