ONM-ABO Caamsaa 9, 2025
Humni waraanaa Paakistaan Kamisa halkanii fi barii Jimaata har’aa daangaa dhiha Hindii irratti diroonii fi meeshaalee waraanaa biroo fayyadamuun “haleellaa hedduu” yoo jalqabdu, waldhabdeen ollaa hidhannoo meeshaa niwukilaraa qaban gidduu jiru cimee dhufuu waraanni Hindii dubbateera.
Diinonni durii kun erga Hindiin Roobii darbe naannoo Kaashimiir jeeqamaa jiru keessatti haleellaa lubbuu namaa galaafateef Islaamaabaad harka keessaa qabaachuu ibsitee booda haaloo ba’uuf “mooraa shororkeessummaa” hedduu irratti tarkaanfii fudhattee jirti.
Paakistaan himannaa kana haalte, garuu biyyoonni lamaan yeroo ammaa dhukaasa daangaa qaxxaamuraa fi dhukaasaa wal jijjiiruun diroonii fi misaa’ela walitti dhukaasuun namootni kurnan afur akka lubbuu dhaban taasisanii jiru.
Raayyaan Ittisa Biyyaa akka jedhetti, loltoonni Paakistaan naannoo isaan gidduutti qoodame garuu lamaan isaanii guutummaatti kiyya jedhanii himatan Kaashimiir keessatti “sarbama dhukaasa dhaabuu hedduu”tti gargaaramuu isaanii ibseera.
Kaashimiir, naannoo Muslimootni baay’inaan keessatti argaman, bakka waldhibdee yoo taatu, waraana sadii naannichatti uumame keessaa lama lolaniiru jechuun Rooyiters gabaaseera.

