ONM-ABO Ebla 30, 2025
Paakistaan Roobii har’aa Hindiin sa’aatii 24 hanga 36 itti aanan keessatti haleellaa jalqabuu malti jechuun akeekkachiiste. Sababiin isaas torban darbe haleellaa lubbuu namaa galaafate Kaashimiir keessatti raawwatameen hordofeeti.
Ibsa X irratti maxxanfameen, Ministirri Odeeffannoo Attayullaa Tarar akka jedhanitti, Islaamaabaad, New Delhiin haleellaa Ebla 22 bakka tuuristii Pahalgam keessatti namoota 26 ajjeese keessatti “himannaa hirmaannaa bu’uura hin qabnee fi qopheessite” jalatti tarkaanfii waraanaa fudhachuuf karoorfachuu ishee “odeeffannoo amansiisaa” qabaachuu ibse.
“Paakistaan irra deebiin akka jettutti, fedhiin waraanaa akkasii Hindiin mirkanaa’ee fi murteessaa ta’eef deebii akka kennamuu ibsiteetti.
Haleellaan kun hidha daangaa qaxxamuruu qaba jetti Niiw Deliin.
Islaamaabaad garuu haleellaa kana keessaa akka quba hin qabnes fi qorannoo walabaa haleellaa kanaaf akka tumsitu yaada dhiheessite jirti.
Biyyoonni lamaan daangaa qaxxaamuraa cufuu fi walitti dhufeenya dippilomaasii daran gadi buusuu isaanii dhaabbanni oduu Turkii Anaadooluun gabaaseera.

