Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Buunnoo Beddellee Aanaa Daaboo Haannaatti waraanni murna PP dargaggoo tokko irratti reebicha jabaa geggeessuun qabanii deemuun ifoome

ONM-ABO Waxabajjii 1, 2025 

Waraanni PP maqaalee garaa garaa uummata hin ibsine itti maxxansuun guyyuu ilmaan Oromoo hiraarsuu itti fufuun, aanaa Daaboo Haannaa ganda Ayinoo Gammoojjii jedhamutti Caamsaa 30, 2025 dargaggoo maqaan isaa Baacaa Shibbiruu jedhamu badii tokko malee reebicha irratti raawwachuun fuudhanii akka deeman odeessi jiraattota irraa ONM’n qaqqabe ni addeessa.

Kana malees loltoonni kunneen hojiiwwan hannaa adda addaatti bobba’aanis guyyuma kana aanicha gandoota hedduu keessatti uummata nagaa hiraarsaa akka turan dabaluun himaniiru.

Koloneel Abiy Ahimed akka waan mirga uummataa kabajee bulchaa jiruutti dubbatus, daranuu namoota sirna isaan morman ukkaamsee dhabamsiisuu aadeffachuun goolama raawwachuu cimsee itti fufeera.

Exit mobile version