Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Lixa Shaggar Aanaa Meettaa Roobiitti Waraanni goolessaan impaayerattii namoota nagaa lama ajjeesuun dhaga’ame 

ONM-ABO Waxabajjii 2, 2025 

Lixa Shaggar aanaa Meettaa Roobii ganda Warqee Waleensuu bakka addaa Jimaata Goolaatti ergamtoonni barcuma siyaasaa Abiy Ahimed qofa tiksuuf dhiiga hawaasa qulqulluu dhangalaasaa oolan Caamsaa 31, 2025 namoota nagaa lama kanneen maqaan isaanii:

  1. Margee Abbabaa ganna 22 kan ta’ee fi
  2. Abdiisaa Dabalaa ganna 17 

kan ta’e ganama bariin yakka tokko malee mana jireenyaa isaaniitii qabuun ajjeesanii gatuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf ifoomsanii jiru.

Akka maddeen gandichaa yaada isaanii ONM’f ibsanitti namoonni jaleewwan sirnichaan ajjeefaman kunneen yakka dalagan qabaataniif osoo hin taane sababa Oromummaa isaaniif qofa hadheeffatamanii maqaa hidhata waraana bilisummaa Oromoo qabdu jedhuun yakkamanii ajjeefamuu dabalataan ibsaniiru.

Qe’ee ilmaan Oromootti bobba’uun namoota nagaa akka bineensaatti adamsanii ajjeesuu, hidhuu, saamuu fi mirgoota namummaa isaa irraa mulqanii gidirsuu hojii idilee godhatanii kan bobbaafaman ergamtoonni murna PP ergama Abiy Ahimed qofa galmaan ga’uu fi teessuma aangoo irratti isa qofa gammachiisanii jiraachisuuf uummata Oromoo akka baala mukaatti harcaasaa jiru.

Exit mobile version