Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Lixa Wallaggaa Aanaa Baabboo Gambeelitti murni PP hidhaa, saamichaa fi reebicha uummata irratti jabeessuun dhaga’ame

ONM-ABO Waxabajjii 3, 2025 

Goolessitoonni murna garboomfataa PP irree isaanii uummata nagaa irratti ol kaasuun mankaraarsaa oolan Waxabajjii 1, 2025 aanaa Baabboo Gambeel ganda Aggoo Harootti uummata nagaa jalaa horii isaanii saamuun reebicha ulfaataas irratti geggeessuun hidhaatti darbachuu jiraattonni ONM’f eeraniiru.

Namoonni horiin isaanii jalaa saamame kunneenis:

  1. Obbo Baqqalaa Tarrafaa jalaa loon 10,  
  2. Obbo Abarraa Gammachuu jalaa ammoo loon 6 

kan ooffatan oggaa ta’u, 

  1. Asteer Taayyee, 
  2. Mikaa’el Bultii, 
  3. Caalaa Habtaamuu , 
  4. Dirribaa Gammachiis fi 
  5. Waaqjiraa Gurmuu kanneen jedhaman ammoo reebicha jabaa irratti geggeessuun hidhaatti darbachuun eeramee jira.

Kana malees onicha keessatti dararaan garaa garaa shiftoota waraana Abiy Ahimediin uummata irratti jabaachuun, hawaasni bahaa fi gala dhorkamuun jiruu yaaddoo keessa jiraachuu namoonni rakkoon kun irra ga’aa jiru ONM’tti himaniiru.

Exit mobile version