Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Arsii Bahaa Aanaa Asakoo keessatti murni Bilxiginnaa dargaggootaa fi shamarran mana hidhaatti guuraa jiraachuun dhaga’ame

ONM-ABO Waxabajjii 5, 2025 

Hidhuu fi ajjeesuun akka waan qabsoo sabichaa gufachiisee of duuba deebisuutti akeekee hidhaa fi ajjechaa akka tooftaa lolaa fi bulchiinsaatti kan itti fayyadamu murni sirna-dhableessi impaayerattii Bilxiginnaan, godina Arsii Bahaa aanaa Asakoo ganda Biyyoo jedhamu irraa Waxabajjii 2, 2025 magaalaa Caffaa jedhamu irraa gara Biyyootti bobba’uun shamarranii fi dargaggoota gandichaa yakka tokko malee mana hidhaatti guuranii jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf ifoomsanii jiru.

Namoota hidhamanii dararamaa jiran keessaa muraasni maqaa arganne:

  1. Biiftuu Qaasim,
  2. Hasan Aliyyii,
  3. Caaltuu Mahaammad,
  4. Sabboontuu Hasan fi 

kanneen maqaan isaanii ammaaf nu hin qaqqabin hedduu ta’an balleessaa raawwatan osoo hin qabaatin mana maatii isaaniitii ukkaamsamuun hidhaatti darbatamanii reebichi hamaan irratti raawwatamaa jiraachuu ONM odeeffateera.

Kufaatii siyaasaa fi dinagdee dandammii hin qabnee fi daddaaqama ulfaataa tibbana isa mudateen daran raafamuun  haala yaaddessaa keessatti kufee kan jiru murni Bilxiginnaa, impaayera Itiyoophiyaa utubuuf jecha hidhaa fi ajjechaa akka tooftaa lolaa fi bulchiinsaatti itti fayyadamuun kutaalee Oromiyaa maratti uummata Oromoo irratti gochoota gara jabinaa hammeessuun sabboontota ilmaan Oromoo hidhaatti guuruun cinatti ajjeechaa suukkanneessaa irratti raawwachaa jiraachuun beekamaadha.

Exit mobile version