Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Kibba Baha Oromiyaa aanota adda addaa keessatti hidhaa fi ajjeechaan uummata nagaa irratti jabaatee itti fufe

ONM-ABO Guraandhala 21, 2024

Godina Arsii Bahaa aanaa Asakoo keessatti waraanni Abiy Ahimed hawaasa nagaa cidhaaf ba’e iddoo tokkotti walitti qabuun gochaa suukanneessaa irratti raawwatan.

Guyyoota darbe jechuun Guraandhala 16/2024 aanaa Asakoo ganda Dirree Odaa jedhamu keessatti hawaasa nagaa cidhaaf walitti dhufe dararuun isaan keessaa nama tokko ajjeesuun namoota hedduu ammoo mana hidhaatti guranii jiru.

Waraanni goolessaan PP kun nama maqaan isaa Abdalla Maammaa jedhamu bakka cidhaatii qabuun funyoo mormatti hidhanii lafa irra harkisuun haala suukanneessaan ajjeesan.

Kana malees hawaasa gammachuu ollaa fi firaa hirmaachuuf bobba’aanii iddoo sana jiran hedduu isaanii lafa irra gangalchanii tumuudhaan namoota 13 mana hidhaatti geessan reebichaa hamaa irraan ga’aa jiru.

Oduuma hidhaan wal qabatuun godina arsii lixaa aanaa Dodolaa ganda Biqqiqqaa Maqqaallotuutti uummata nagaa maqaa WBO deggertu jedhuun qabanii mana hidhaa aanichaa keessatti dararaa jiraachuu maddeen keenya ifoomsaniiru.

Namootni waraana faashistii PP’n aanicha keessatti dararaa argaa jiran maqaan isaanii:-

  1. Kadir Qeebaloo
  2. Goobanaa Duubee Guutoo
  3. Maammad Libaash Jaarsoo
  4. Kadiir Jaarsoo Waaqoo
  5. Umar Hasan Cirrii
  6. Muusaa Hasan Cirrii
  7. Yuusuf Umar Hasan
  8. Qaasim Kadiroo Jaarsoo
  9. Hasan Shuroo
  10. Huseen Adamoo Cirrii yoo ta’aan, akka waliigalaatti yeroo ammaa kana uummatni naannoo sana jiraatu murna bilxiginnaan dararamuu irraan kan ka’e irraa godaanaa jira.

Pirezidaantiin bilxiginnaa Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaa waltajjii Caffee Oromiyaa Dilbata darbeen akka waan qaamni Oromoon bilisoomsa jedhee socho’u Oromoo miidhaa jiruu fi ofii Oromiyaa guddisuuf hojjetaniitti kaasanis gubaatii manneenii fi ajjeechaa godina Arsii lamaan keessatti raawwachaa jiran osoo arganii kan isaanii dhoksuun, biyya ijaaruuf ajjeesaa jirra waan jedhan fakkaata.

Exit mobile version