ONM-ABO Bitootessa 10, 2026
Bitootessa 6, 2026 godina Arsii Bahaa aanaa Gunaa ganda Ciree Aanolee jedhamu keessatti maqaa hariiroo Waraana Bilisummaa Oromoo qabdu jedhuun nama maqaan isaa Rashiid Gannaa Haaji Kadir jedhamu dabalatee namoota hedduu mana hidhaatti guuruun hiraarsaa kan jiran yoo ta’u, namoota hedduus reebanii qabeenya isaanii saamaa turuun dhaga’ameera.
Abbaan irree akka barbaadetti afaan qawween hawaasa cafaqee bulchuu barbaadu Bilxiginnaan ergamtoota isaa Oromiyaa maratti bobbaasuun hawaasa dararsiisuu hammeessuun, loltootni isaa Oromiyaa goleewwan garaagaraa keessatti rakkoo ulfaataa geggeessaa jiru.
Kana malees loltootni kunneen dargaggoota hedduu adamsuun qe’ee isaanii irraa balleessaa kan jiran yoo ta’u, maatii dargaggoota kanaas iddoo tokkotti walitti qabuun yoo akka tasaa Waraanni Bilisummaa Oromoo ganda kana keessa kan seenu ta’ee fi ijoolleen keessan hin dhuftu taate rasaasaan isin ajjeesna jechuun doorsisaa jiraachuunis dabalataan ifoomeera.
Oduu biroon immoo, godinichuma aanaa Xiyyoo ganda Torban Uushoo keessatti barsiisaa Jamaal Muhaammad Shuunfaa jedhamu dhalataadhuma ganda Torban Uushoo kan ta’e Bitootessa 3, 2026 magaalaa Bishooftuu keessaa qabanii aanaa Xiyyootti deebisuun gaafa Bitootessa 5, 2026 halkan keessaa toora sa’atii 3:00’tti iddoo addaa Gaara Xaaxessaa jedhamu keessatti ajjeesuun dhaga’ameera.
Barsiisaan kun yakka dalage qabaateef osoo hin taane, sababa Oromummaa isaa qofaaf yakkamuun akka ajjeefame jiraattotni itti dabaluun ifoomsaniiru.

