ONM-ABO Fulbaana 22, 2025
Fulbaana 18, 2025 aanaa Gunaa ganda Jawwii iddoo addaa Soolee jedhamu keessaa loltoonni sirnichaa magaalaa irraa gara gandaatti bobbaa’an, hawaasa reebuu, qabeenyaa saamuu fi namoota hedduus qabanii mana hidhaatti geessuun hiraarsaa jiraachuu jiraattonni himan.
Namoota loltoota sirnichaan maatii isaanii irraa butamuun mana hidhaa keessatti hiraarfamaa jiran keessaa kanneen maqaan nu gahe:
- Abbittii Jundii,
- Abdallaa Mahaammad,
- Mudassir Mahaammad,
- Fo’adi Mahaammad fi
- haadha ilmaan 6 kan taate Aadde Amiinaa Huseen
kanneen jechaman hidhuun hiraarsaa jiraachuu jiraattonni itti dabaluun ibsaniiru.
Namoonni hidhaman kunneen irra hedduun isaanii abbootii maatii yoo ta’an, yakka qabaataniif osoo hin taane sababa fudhatamaa fi ragaa hin qabne maqaa hariiroo Waraana Bilisummaa Oromoo qabdu jedhu itti maxxansuun hiraarsaa jiraachuun dabalataan ifoomeera.

