ONM-ABO Waxabajjii 5, 2025
Murni Bilxiginnaa aanaa Mana Sibuu keessatti dargaggoota Oromoo lama haala suukkanneessaan ajjeesuu fi namoota nagaa irratti reebicha raawwachuun hidhuu fi qabeenya isaaniis horii dabalatee saamanii deemuu maddeen ONM’f eeran.
Waxabajjii 1, 2025 dargaggoonni lama gandoota garaa garaa irraa qabamuun akka ajjeefaman kan nuuf eeran maddeen:
- dargaggooo Beekamaa Waaqgaarii Abdiisaa ganda Cafcafii Baabboo irraa,
- dargaggoo Guddinaa Olaanaa Atoomsaa ganda Mattaarrii irraa
qabuun bakka addaa magaalaa Coommoo Daabbus jedhamtu keessatti Waxabajjii 2, 2025 rasaasa itti roobsanii ajjeesanii yoo gatan, nama maqaan isaa Mitikkuu Olaanaa jedhamu ammoo reebicha jabaa irratti geggeessuun hidhaatti darbatanii jiru.
Akkasumas, onichuma ganda Araaroo Guutaa keessatti Waxabajjii 1, 2025 nama maqaan isaa Tsaggaayee Taammanaa jedhamu reebichaan erga miidhaa irraan ga’aniin booda qabeenya isaa loowwan dabalatee guutummaa saamuun gariin konkolaataatti fe’anii kan deeman ta’uun ibsameera.
Kana malees ganda Idooroo Toobbaraa keessaa ammoo namoota maqaan isaanii:
- Mesfiin Alamuu,
- Yooseef Asaffaa fi
- Guddinaa Faqqadee
jedhaman Waxabajjii 2, 2025 qabanii deemuun Waajjira Poolisii magaalaa Mandiitti hidhamanii kan jiranii fi namoonni kunneenis abbootii warraa yoo ta’an, umuriin isaanii ammoo waggaa 35-40 gidduu ta’uun barameera.

