ONM-ABO Waxabajjii 5, 2025
Prezidaantiin Ameerikaa Doonaald Traamp Roobii kaleessaa akka jedhanitti, haleellaa diroonii dhiheenya kana Yukireen Raashiyaa raawwattee fi dhimma Iraan irratti gita isaanii Raashiyaa Vilaadmiir Puutiin waliin irratti mari’ataniiru.
“Ani amma dubbadhee xumure, bilbilaan, pirezidaantii Vilaadmiir Puutiin, Raashiyaa waliin. Bilbilli kun tilmaamaan sa’aatii tokkoo fi daqiiqaa 15f ture,” jechuun Truth Social irratti dubbatan.
“Haasaa gaarii ture, garuu haasawa nagaatti battalaatti geessu miti,” jechuun Puutiin ”baay’ee cimsee, haleellaa dhiheenya kana dirree xiyyaaraa irratti raawwatameef deebii kennuu akka qabu” natti himeera jedhan.
Sagantaa niwukilaraa Iraan irratti marii itti fufee jiru irratti, Tiraamp murtee Iraan meeshaa niwukilaraa ilaallatu irratti yeroon xumuraa jira jedhan.
Traamp Iraan meeshaa niwukilaraa qabaachuu akka hin dandeenye Puutiinitti himaniiru.
Puutiin “marii Iraan waliin taasifame irratti akka hirmaatu yaada dhiheessee, tarii kana xumura ariifataa irra ga’uuf gargaaruu akka danda’u yaada kenneera,” jedhan Tiraamp.
“Iraan dhimma baay’ee barbaachisaa ta’e kana irratti murtoo isaanii lafa irra harkisaa jirti, yeroo baayyee gabaabaa keessattis deebii murtaa’aa nu barbaachisa” jechuun itti dabalan.
Addatti dubbi himaan Kiremlin Dimitrii Peeskov akka mirkaneessanitti Puutiin Tiraamp fi Phaaphaasii haaraa waliin mari’achuu isaanii dhaabbati oduu Raashiyaa Tass gabaaseera.

