Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Yukireen dirree xiyyaaraa Raashiyaa lama irratti haleellaa halkanii ‘milkaa’ina’ raawwachuu himatte

ONM-ABO Waxabajjii 7, 2025 

Yukireen Jimaata kaleessaa, buufata xiyyaaraa waraanaa lama Raashiyaa keessa jiran irratti haleellaa “milkaa’aa” ta’e raawwachuu  himte.

Tattaaffiin dippilomaasii Ameerikaan durfamuun weerara waggaa sadii ol Moskoon geggeessite dhaabuuf kaayyeffate irratti yaaliin dippilomaasii cimaa ta’us, torbanneen darban keessa boombii Raashiyaa fi Yukireen irratti raawwatame hammaatee jira.

Ibsi kun kan ba’e erga Raashiyaan misaa’eloota kudhanootaan lakkaa’amanii fi diroonii dhibbaan lakkaa’aman haaloo torban darbe Yukireen Raashiyaa keessaa gadi fageenyaan buufata xiyyaaraa biroo hedduu irratti haleellaa diroonii ija jabinaan raawwattee sanaaf tarkaanfii fudhachuu beeksistee  booda.

Waraanni Yukireen dirree xiyyaara Injels naannoo Saaraatov keessatti argamu kan Yukireen irraa kiiloo meetira dhibbaan lakkaa’amu fagaattee argamtu haleeluu isaa ibsuun, dhaabbatichi “bakka xiyyaarota diinaa itti baay’atu” jedheera.

Akkasumas naannoo Moskootti dirree xiyyaaraa Diyagilevo kan jeettiiwwan “rboba’aa guutanii and geggeessan” ta’an kan bu’uura godhatan kanneen haleellaa qilleensaa Raashiyaa Yukireen irratti gargaaran  haleeluu abseera.

Keev dabalataan “yoo xiqqaate taankii boba’aa fi boba’aa sadii” Saaraatoov keessatti akka rukutte himatteetti. Hanga weerarri Moskoo “guutumaan guututti dhaabatutti” haleellaa itti fufuuf dhaadachuu AFP’n gabaaseera.

Exit mobile version