Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Aanaa Abbaay Coomman keessatti ergamtoonni Bilxiginnaa jiraattota hidhaatti darbachuu hammeessan 

ONM-ABO Waxabajjii 8, 2025

Horroo Guduruu Wallaggaa aanaa Abbaay Coomman ganda 02 keessaa Waxabajjii 4, 2025 namoota maqaan isaanii:

  1. Nagaasaa Dhugaasaa,
  2. Iyyaasuu Nagaraa fi
  3. Lammaa kanneen jedhaman 

waraanni sirna dhableessi impaayerattii badii tokko malee ukkaamsuun waajjira poolisii magaalaa Finca’aatti hidhanii hiraarsaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Akka maddeen himanitti, namoonni kunneen harka qalleeyyii hojii harkaa gara afaanii hojjechuun jiraatanii fi deggertoota siyaasa dhaaba kamiyyuu kan hin taane ta’uu dubbatu.

Murni Bilxiginnaa afaaniin nagaa labsaa ifatti ammoo abbaa irrummaa isaa mul’isuun ilmaan Oromoo irratti miidhaa ulfaataa geessisaa jiru daran cimsee akka jirus dabaluun himaniiru.

Exit mobile version