Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Riphee lolaan Miyanmaar jeettii junta yeroo duraaf kuffisuu himan

ONM-ABO Waxabajjii 11, 2025 

Riphee loltootnin farra fonqolcha mootummaa Miyanmaar Kibxata kaleessaa jeettii juuntaa Miyanmaar kuffisne jechuun humna qilleensaa irratti injifannoo hin baramne kan waraana geggeeffamaa jiru irratti argachuu labsan. 

Waraanni Juuntaa saffisaan himannaa isaanii kan haale yoo ta’u, xiyyaarichi naannoo ganda giddu galeessaa Min Taying Pin naannoo walakkeessa guyyaa sababa “balalii shaakala” irra osoo jiruu “motorri akka tasaa kufee” jedhe.

Miyanmaar bara 2021 erga waraanni mootummaa dimokiraatawaa aangoo irraa kaasee waraana biyya keessaatiin kan liqimfamte yoo ta’u, humni qilleensaa ishee Raashiyaa fi Chaayinaan deggaramu garuu gareewwan mormitootaa meeshaalee xiqqaa qaban hedduu akka ofirraa ittistu hayyameera jedhu xiinxaltoonni.

Waraanni Bilisummaa Ummataa (PLA)n — kan garee komunistii Miyanmaar hidhatee jiru — akka jedhetti loltoonni isaa naannoo giddugala Sagaying, naannoo kirkira lafaa kanaan baay’ee miidhame keessaa tokko keessatti waldhabdee cimaa guyyoota afuriif erga gaggeeffamee booda xiyyaaricha kuffisuu hime.

”Loltoonni keenya har’a jeettii haleellaa kuffisuu danda’aniiru. Kun seenaa PLA keessatti isa jalqabaati,” jedhan dubbi himtuun garichaa dubbatteetti.

Haleellaa qilleensaa mootummaan Juuntaa naannoo Sagayingitti baatii Caamsaa keessa mana barumsaa tokko irratti raawwateen daa’imman 20 dabalatee yoo xiqqaate namoota 22 ajjeesuu isaa namoonni ijaan argan himan.

Exit mobile version