ONM-ABO Sadaasa 8, 2023
Akka dhaabbanni oduu Aljazeera kaleessa gabaasetti hoogganaan fonqolcha mootummaa Miyanmaar Jeneraala Olaanaa Min Aung Hlaing hogganaa humna galaanaa Raashiyaa waliin kan wal argan yoo ta’u, biyyoonni lamaan kan wal arganis bakka shaakala humna galaanaa waliinii yeroo jalqabaaf qarqara galaana Miyanmaar Andaamanitti gaggeessuuf qopha’aa jiranitti.
Dhaabbatni oduu mootummaan geggeeffamu Global New Light of Miyanmaar, gabaasa isaa fuula duraa irratti, Min Aung Hlaing eegduu kabajaa dooniiwwan Raashiyaa doonii Moscow Pacific irraa dhufan nagaa gaafachuun kabajaan simatan.
Barruun kun akka jedhutti Min Aung Hlaing sana booda doonii farra galaana jalaa balleessu Admiral Tributs jedhamtutti fudhatamuun hoogganaan humna galaanaa Raashiyaa Admiral Nikolai Evmenov dandeettii fi sirna meeshaa waraanaa doonii kanaa ibseera. Helikooptaroota farra galaanaa jalaa irrattis ibsi kennameefii ture jechuun gabaasichi dabalee ibse.
Miyanmaar fi Raashiyaan erga fonqolcha mootummaa Gurraandhala 2021 mudateen booda walitti dhihaachaa kan jiran yoo ta’u, kunis rakkoo hokkaraa kana kaasuun lammiileen nagaa gara 4,200 ajjeesee, kuma dhibbaan lakkaa’aman qe’ee isaanii irraa akka deeman dirqisiiseera.
Erga Gurraandhala 2022 Yukireen irratti weerara guutuu eegaltee waltajjii addunyaa irraa adda baatee kan argamte Moskoon, waraana Miyanmaariif meeshaa waraanaa fi meeshaalee dhiyeessituu guddaa taatee jirti.
Shaakala Nageenya Galaanaa Miyanmaar fi Raashiyaa (MARUMEX) jalqabaa kun doonii fi xiyyaarota kan hirmaachisu yoo ta’u, galaana Myeik irraa gara dhihaatti galaana maayilii 85 (157km) fagaatu keessatti Sadaasa 7 hanga 9tti gaggeeffama.
Shaakalli kun “balaa qilleensaa, bishaan gubbaa fi bishaan jalaa ittisuu fi tarkaanfiiwwan nageenya galaanaa” irratti kan xiyyeeffatu ta’a jedhu miidiyaaleen mootummaa Miyanmaar.
Dhaabbanni oduu mootummaa Raashiyaa TASS akka jedhetti dooniiwwan hirmaatan kun doonii farra galaana jalaa kan biraa Admiral Panteleyev jedhamtus kan dabalatuudha.
Mana Maree Bulchiinsa Mootummaa waraanaa kan hoogganan Min Aung Hlaing erga fonqolcha mootummaa raawwatameen booda gara Moskoo fi Vladivostok kan imalan yoo ta’u, Fulbaana 2022 prezidaantii Raashiyaa Vilaadmir Putin waliin mari’ataniiru.
Qondaaltonni Raashiyaa guyyaa humna waraanaa Miyanmaar waggaa waggaan ji’a Bitootessaa keessa gaggeeffamu irrattis keessummoota kabajamoo ta’aniiru jechuun Aljeeziraan gabaasee jira.
Haa ta’u malee Miyaanmar keessatti erga fonqilchi geggeeffamee abbaan irree bulchiinsa waraanaa aangootti dhufe, dargaggootni biyyattii riphee loltootatti dabalamuun diimookiraasiif falmaan qabsoo hidhannoo irra jiraachuun ni beekama.

