ONM-ABO Sadaasa 5, 2024
Humni galaanaa Indooneeshiyaa fi Raashiyaa shaakala waraanaa waloo isaanii isa jalqabaa Galaana Jaavaa keessatti Wiixata kaleessaa eegaluu isaanii humni galaanaa Indooneeshiyaa beeksiseera.
Shaakalli kun hanga Jimaataatti Galaana Jaavaa naannoo magaalaa Surabayaa Indooneeshiyaa keessatti kan gaggeeffamu yoo ta’u, kunis dooniiwwan waraanaa Raashiyaa Wiixata kaleessaa bakka sana erga ga’anii booda.
Raashiyaan doonii waraanaa sadarkaa korveet sadii, taanker giddu galeessaa, helikooptara waraanaa fi doonii harkisaa ergiteetti jedha humni galaanaa Indooneeshiyaa.
“Doonii waraanaa Raashiyaa fagoodhaa gara Indooneeshiyaa dhufanii yeroo jalqabaaf shaakala waloo kan hariiroo dippilomaasii Indooneeshiyaa fi Raashiyaa keessattuu humna galaanaa fooyyessuu barbaadu gaggeessaniiru,” jedhan ajajaan humna galaanaa Indooneeshiyaa Deenih Hendrata.
Ibsichi bakka bu’aa jila Raashiyaa wabeeffachuun shaakala kanaan humnoota galaanaa lamaan beekumsa waljijjiiruuf kan qophaa’e ta’uu ibseera.
Indooneeshiyaan Waldhabdee Yukireen ykn dorgommii humna guddaa Waashingitan fi Beejiing gidduutti taasifamaa jiru keessatti garee fudhachuu diddeetti jechuun BBC’n gabaaseera.

