Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Kantiibaan buufata doonii Galaana Gurraacha Raashiyaa Novorossiisk akeekkachiisa diroonii galaanaa kennan

ONM-ABO Adoolessa 18, 2024

Kantiibaan magaalaa buufata doonii Galaana Gurraacha Raashiyaa Novorossiisk Kamisa ganama akeekkachiisa diroonii galaanaa appii ergaa Telegram irratti ibsaniiru.

Kantiibaan magaalattii Andiree Kiraavchenkoo namoonni naannoo qarqara galaanaa irraa akka fagaatan dhaamaniiru. Dirooniin galaanaa Yukireen kanaan dura dooniiwwan Raashiyaa naannoo buufata doonii kanaatti haleellaa raawwachuun tiraafika jeequun isaanii ni yaadatama.

Novorossiisk buufata doonii guddaa Galaana Gurraacha Raashiyaa yoo ta’u, kibba Raashiyaa keessatti boba’aa dheedhii fi oomisha boba’aa al-ergiif bakka ijoodha. Akkasumas boba’aa Kaazaakistaan ​​fi Azarbaajaan irraa dhufu; midhaan, dhagaa boba’aa, xaa’oo, muka, konteenara, nyaataa fi fe’umsa keemikaalaa ni qabata.

Addatti ammoo bulchaan magaalaa Kiriimiyaa Mr Sevastopol kan Raashiyaan muudame Mikhail Razvozhayev akka jedhanitti humnoonni Raashiyaa diroonii galaana Yukireen Galaana Gurraacha naannoo magaalattiitti argamu keessatti barbadeessuu isaanii ibsaniiru.

Lola guyyoota 875’ffaa lakkoofsise kanaanis humnootni Raashiyaan magaalota gurguddoo Yukireen keessatti warshaalee meeshaa waraanaa fi hospitaala dabalatee bakkoota adda addaa yoo rukuttu, Yukireen gama isheen loltoota Raashiyaas weerartoota itti jettu gara 562,510 ta’an dhabamsiifneerra jechuu ishee gabaasa Al Arabiyaa News fi Defense Express irraa arganne ni addeessa.

Exit mobile version