ONM-ABO Waxabajjii 17, 2024
Dooniin Filippiins tokko Wiixata har’aa galaana Chaayinaa Kibbaa keessatti doonii Chaayinaa waliin salphaatti walitti bu’uu ishee eegduun qarqara galaanaa Chaayinaa beeksiseera.
Eegduun qarqara galaanaa Chaayinaa akka jedhetti, dooniin Filiippiinsii kun akeekkachiisa kenname tuffachuun doonii Chaayinaa bakka walfalmisiisaa ta’e Odoola Ispraatlii keessatti argamutti dhiyaateen mudatee jedhu.
Bakki kun guutummaa Galaana Chaayinaa Kibbaa jechuun danda’amu kan kutaaleen naannichaa Taayiwaan, Filiippiinsii fi biyyoota Kibba Baha Eeshiyaa biroo hedduudhaan Beejingiin falmisiisaa jiruu dha.
Waggaatti daldalli dooniitiin doolaarri tiriliyoonaan lakkaa’amu Galaana Chaayinaa Kibbaa keessa kan darbu yoo ta’u, kuufamni boba’aa fi gaazii lafa galaanaa isaa jala akka jirutu amanama.
Eegduun qarqara galaanaa Beejiing ibsa kenneen, ”Dooniin bishaan guutuu Filiippiinsii akeekkachiisa cimaa gama Chaayinaatiin kenname hedduu tuffatteetti,” jedheera.
“Doonii Chaayinaa karaa ogummaa hin qabneen itti dhiyaatee, walitti bu’iinsa uumeera” jedha ibsichi.
Seera haaraa Waxabajjii 15 irraa eegalee hojiirra oole baafteen Chaayinaan kanaan dura Filippiins bishaan naannoo ishee jettee ilaaltu keessa seenuu ishee akeekkachiifteetti.
Seera haaraa kanaan eegdonni qarqara galaanaa Chaayinaa bishaan Beejiing jettu keessatti dooniiwwan biyya alaa irratti humna ajjeesaa fayyadamuu fi namoota seeraan ala seenan guyyoota 60’f murtii malee tursiisuuf hayyamameera.
Pirezidaantiin Filiippiinsii Ferdinaand Maarkos tarkaanfiiwwan fudhataman kun ”baay’ee yaaddessa” jedhan.
Jimaata darbe gareen biyyoota G7 weerara Chaayinaan Galaana Chaayinaa Kibbaa keessatti raawwatte ”balaa” jedhee waamuun qeeqeera jechuun Doochii Waleen gabaaseera.
