ONM-ABO Waxabajjii 12, 2025
Finxaaleeyyiin Amaaraa maqaa Faannoo jedhu moggaafachuun of waaman kan mataa nafxanyootaa Koloneel Abiy Ahimediin maqaa uummata Amaaraa eeguu fi Faannoon gaachana biyyaati” jedhuun meeshaalee adda addaa hidhachiifamuun bobbaafaman miidhaa qaqqabsiisuu cimsanii itti fufaniiru.
Haaluma kanaanis Kaaba Oromiyaa godina Walloo aanaa Harxummaa Fursee ganda Coqorsootti Finxaaleyyiin Amaaraa Faannoon Waxabajjii 9 fi 10, 2025 walitti fufiinsaan dhukaasa horsiisee bultoota irratti iddoo isaan loon bobbaafatanitti bananiin loon jiraattotaa hedduu ajjeesuu fi madeessuun ibsameera.
Namoonni loon isaanii jalaa ajjeefamanii fi madaa’anis muraasni maqaa arganne:
- Abduu Ahimed Datoo jalaa loon 3,
- Hasan Ahimed Ibraahim jalaa loon 1,
- Nuuruu Ahimed jalaa loon tokko,
- Aammaa Hasan Maamud jalaa loon tokko,
- Nuuruu Ahimed Alii jalaa loon tokkoo fi
namoota maqaan isaanii nun ga’in danuu dabalatee hedduu jalaa ajjeesuu fi kaanis madeessuu jiraattotni ganda Coqorsoo loon isaanii jalaa ajjeefamanii fi madaa’an Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

