ONM-ABO Waxabajji 2, 2025
Kaleessa Waxabajji 1, 2025 aanaa Jiille Dhummuuggaa karaa Jaarraatiin horsiisee bultoota bakka Salfaa jedhamutti humnoonni Finxaaleyyii Amaaraa waaree booda toora sa’aatii 7:00’tti jiraataa ganda Dullaa nama maqaan isaa Aliyyii Umar Ammadaa jedhamu haala suukkaneessaan ajjeesuun, dhalataa magaalaa Sanbatee Heedar Adurroo nama jedhamu madeessanii jiraachuun beekameera.
Finxaaleyyiin Amaaraa Faannoon horsiisee bultoota ajjeesanii fi madeessan kunneen akkuma godina Walloo aanaalee garaa garaatti caasaaleen Bilxiginnaa waliin maqaa waraana Bilisummaa Oromootti duulla jechuun bobbaafamanii namoota nagaa irrattis miidhaa ulfaataa geessisaa jiru.
Keessattuu tibbana aanaa Jiille Dhummuuggaa fi Harxummaa Furseetti irra deddeebiin ajjeechaa fi saamicha qabeenyaa hamaa raawwachaa jiraachuu gabaasaa turuun kan yaadatamuudha.

