• Mon. Jan 12th, 2026

Godina Walloo Aanaa Jiille Dhummuuggaatti Finxaaleeyyiin Amaaraa Faannoon dhukaasa horsiisee bultoota irratti bananiin nama tokko ajjeesuun, tokko ammoo madeessan

Jun 2, 2025

ONM-ABO Waxabajji 2, 2025 

Kaleessa Waxabajji 1, 2025 aanaa Jiille Dhummuuggaa karaa Jaarraatiin horsiisee bultoota bakka Salfaa jedhamutti humnoonni Finxaaleyyii Amaaraa waaree booda toora sa’aatii 7:00’tti jiraataa ganda Dullaa nama maqaan isaa Aliyyii Umar Ammadaa jedhamu haala suukkaneessaan ajjeesuun, dhalataa magaalaa Sanbatee Heedar Adurroo nama jedhamu madeessanii jiraachuun beekameera.

Finxaaleyyiin Amaaraa Faannoon horsiisee bultoota ajjeesanii fi madeessan kunneen akkuma godina Walloo aanaalee garaa garaatti caasaaleen Bilxiginnaa waliin maqaa waraana Bilisummaa Oromootti duulla jechuun bobbaafamanii namoota nagaa irrattis miidhaa ulfaataa geessisaa jiru.

Keessattuu tibbana aanaa Jiille Dhummuuggaa fi Harxummaa Furseetti irra deddeebiin ajjeechaa fi saamicha qabeenyaa hamaa raawwachaa jiraachuu gabaasaa turuun kan yaadatamuudha.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading