ONM-ABO Guraandhala 2, 2026
Godina Iluu Abbaa Booraa aanaa Daarimuu ganda Meexxii Qerebee jedhamu keessatti Amajjii 29, 2026 tiksitoonni Bilxiginnaa bosona naannichatti argamutti ibidda shiduun qabeenyaa uumamaa fi qabeenyaa uummataa kan akka midhaanii fi horii hedduu haala nama gaddisiisuun gubanii barbadeessuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.
Kana malees, aanuma kana ganda Waabeekoo keessatti ergamtoonni Bilxiginnaa kunneen torban darbe keessa maqaa “Waraana Bilisummaa Oromoo soortan” jedhuun nama maqaan isaa Dirribaa jedhamu jalaa dukkaana isaa cabsanii yoo saaman, dargaggoo Isqeel jedhamu jalaas mana dhugaatii isaa cabsanii seenuun qabeenyaa qarshii 200,000 olitti tilmaamamu saamuun hojii irraas ugguranii jiraachuun ibsameera.
Dabalataanis, maqaa kaffaltii gibiraa jedhuun uummata gandichaa hoggaa isaan gabaa dhaqaan shiftoonni Bilxiginnaa kunneen daandii irratti eeggachuun nama tokko irraa kaffaltii humnaan olii hanga qarshii 20,000 fi isaa oliitti naga’ee seeraa tokko malee afaan qawween saamaa jiraachuu maddeen itti dabaluun eeranii jiru.


