Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Baha Shaggar Aanaa Adaamii Tulluu Jiddoo Kombolchaatti hidhaa fi reebichi akkasumas saamichi qabeenya uummata nagaa irratti ergamtoota murna abbaa irreen jabaatee itti fufe 

ONM-ABO Waxabajjii 13, 2025 

Murni PP loltoota isaa bobbaasuun nagaa uummataa gooluu aadeffate, godina Baha Shaggar aanaa Adaamii Tulluu Jiddoo Kombolchaa ganda Adaree Qalboo jedhamu keessatti Waxabajjii 10, 2025  ijoollee haadhaa fi abbaan isaanii mana hidhaa jiran funaanuun mana hidhaatti guuruu, qabeenya maatii isaanii saamuu fi mana hawaasaa irra deemanii uummata reebaa kan oolan ta’uu jiraattonni naannichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf addeessanii jiru. 

Ijoolleen kunneen daa’imman ganna 7 fi 8 kan umuriin isaanii hidhaaf hin geenye yommuu ta’an maqaan daa’imman kanneeniis:

  1. Roobaa Daddafoo fi 
  2. Nabiruu Quufaa 

kanneen jedhaman oggaa ta’an gara jabeeyyiin hidhattoota sirnichaa kunneen reebicha ulfaataa erga irratti raawwataniin booda mana hidhaatti kan darbatanii fi ollaadhuma sanaa nama nagaa Aadde Gannituu Araarsoo jedhamtu sababa tokko malee ijoollee kana waliin mana isheetii ukkaamsuun hidhanii jiru.

Kana malees namoota maqaan isaanii: 

  1. Obbo Baasaa Badhaasoo fi 
  2. Daddaffii Turuu jedhaman 

balleessaa tokkollee osoo isaan hin qabaatin mana isaanii cabsanii seenuun midhaan kuntaala 23 jalaa saamanii jiraachuus ibsaniiru. 

Akka jiraattonni jedhanitti daa’imman umurii malee hidhaman dabalatee namoonni yakki saamichaa fi hidhaa irratti taasifame kunneen balleessaa tokkollee kan hin qabnee fi qaama siyaasaa kamiyyuu deggeruus ta’e mormuufis umurii fi bilchinni isaanii kan hin heyyamne oggaa ta’an, gareen dhala namaaf naatoo hin qabne garuu badii isaanii malee akka dararaa argan itti murteessee jiraachuu dabaluun Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf himaniiru. 

Exit mobile version