Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Hamaas Iraan hidhattoota Gaazaa deggaruun ishee ‘gatii kaffalchiisaa jira’ jedhe

ONM-ABO Waxabajjii 14, 2025 

Gareen hidhattoota Falasxiin Hamas akka jedhetti, Iraan, michuu tarsiimoo ishee, gareewwan hidhattootaa Gaazaa keessatti qabsoo waggoota kurnan lamaan darbaniif Israa’el irratti taasisaniin deggaruu isheetiin, gatii baasaa jirti jechuu Israa’el Jimaata kaleessa Iraan irratti haleellaa guddaa erga raawwatte booda dubbate.

Hoggantoonni Hamaas Iraan waraana Israa’el irratti taasisaniif deggarsa waraanaa fi maallaqaa garee kanaaf kenniteef irra deddeebi’anii galateeffataniiru, kunis yeroo waraana Onkoloolessa bara 2023 ka’e dabalateeti.

“Iraan har’a bakka hojii cimaa Falasxiin deggaruuf fi diddaa ishee, fi murtii biyyaalessaa walaba ta’e hordofuu isheetiif gatii kaffalaa jirti,” jechuun Hamaas ibsa kenneen hime.

Teeyran haleellaa Israa’el kaleessa ganama barii dhaabbilee waraanaa fi niwukilaraa Iraan irratti raawwatteef haaloo ba’uu dhaadatteetti. Israa’el diroonii 100 Iraaniin furguggifamuu dubbattee, garuu Israa’el osoo hin geenye addaan kutuuf hojjechuu himtus, dhaabbanni oduu Faars, Iraan madda nageenyaa wabeeffachuun, Teehiraan Jimaata kaleessaa diroonii gara Israa’elitti jalqabde jechuun gabaasa Israa’eliin laatame haaluun, haaloo ba’uun Iraan “yeroo dhiyootti akka raawwatamu” ibseera.

Dubbi himaan Hamaas  Abu Ubaayidaan akka jedhanitti,   gareen isaanii waldhabdee Iraan Israa’el waliin qabdu irratti Iraan bira akka dhaabbatu ibsuu Rooyiters gabaaseera.

Exit mobile version