ONM-ABO Waxabajji 14, 2025
Yakka tokko malee ilmaan Oromoo hiraarsuu kan adeeffatan jaleewwan sirnichaa Waxabajjii 11, 2025 aanaa Baakkoo Tibbee ganda Gambeela Tarree keessaa barataa maqaan isaa Mitikkuu Qannoo jedhamu milishoonni sirnichaa barnoota irraa qabanii gidirsaa jiraachuu maddeen ONM’f eeran.
Ergamtootni impaayerattii ilmaan Oromoo maqaalee garaa garaa itti maxxansuun dararaa ulfaataa irraan ga’aa kan jiran yoo ta’u, haalli sarbamiinsa mirga namoomaas daran onicha keessatti hammaatee akka jirus dubbatu.
Faashistoonni sirnichaa guyyaa dhufee darbuun dhimma dhuunfaa isaaniif jecha qawwee baatanitti dhimma ba’uun haala nama gaddisiisuun gochoota ciiggaassisoo uummata irratti geggeessaa kan oolan oggaa ta’u, gochoota badii isaanii kanneen akka hidhaa, ajjeechaa suukkanneessaa, saamichaa fi rakkinoota garaa garaan gidirsaa jiraachuun ni mul’ata.

