Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Qellem Wallaggaa magaalaa Dambii Doollootti loltoonni Bilxiginnaa shamarran irratti gudeeddaa raawwachuun dhaga’ame 

ONM-ABO Waxabajjii 15, 2025 

Loltoonni safuu hawaasaa hin kabajnee fi waanuma fedhii isaanii hawaasa irratti raawwachaa oolan, maqaa garaa garaa itti maxxansuun gochaawwan suukkaneessaa dhageettiif hin tolle hawwanii fi shamarran Oromoo irratti raawwachaa oolu.

Tiksitoonni impaayerattii suphuuf olii fi gadi ifaajaa oolan loltootni Bilxiginnaa, godina Qellem Wallaggaa bulchiinsa magaalaa Dambii Doolloo ganda 05’tti torban darbe keessa shamarran sadii badii tokko malee mana maatii isaaniitii ukkaamsuun gudeeddaa irratti raawwachuu jiraattotni gabaasan.

Shamarran kunneen maqaan isaanii: 

  1. Angaatuu Hiikaa, 
  2. Dirribee fi 
  3. Jiisee 

kan jedhaman yoo ta’an, shamarree Angaatuu gadhiisuun kaan ammoo hanga gabaasni kun qindaa’etti of bira tursiisanii humnaan waan fedhii isaanii irratti raawwachaa jiraachuu gabaasni ONM’n qaqqabe ni ifoomsa.

Exit mobile version