Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Walloo Aanaa Dawwee Harawaatti lukkeelee Bilxiginnaan hidhaa, reebichaa fi doorsisni maatii qabsaa’otaa irratti raawwatamu cimee itti fufe 

ONM-ABO Waxabajjii 15, 2025 

Kaaba Oromiyaa godina Walloo aanaa Dawwee Harawaa ganda Harooyyee irraa hidhattootni sirnichaa Waxabajjii 10, 2025 maanguddoo biyyaa umuriin isaanii ganna 70 ol ta’an nama maqaan isaanii: 

  1. Obbo Tihaam Awwal jedhamanii fi ilma isaanii 
  2. Awwal Tihaam qabanii hidhaatti darbachuun dararaa akka jiran jiraattonni gandichaa ONM’tti himan.

Akka jiraattotni dabaluun dubbatanitti, Obbo Tihaamii fi ilmi isaanii yakka dalagan qabaataniif osoo hin taane maqaa ilma keessantu miseensa WBO’ti jedhuun yoo ta’u, akkuma aanichaatti maatiin qabsaa’otaa hidhamuu fi reebamuu dabalatee gabaas akka hin baane caasaalee Bilxiginnaan dhorkamuun addeeffameera.

Kutaalee Oromiyaa cufa keessaa murni Bilxiginnaa tooftaalee adda addaa baafachuun, akka waan qabsaa’ota bosonaa galchuu danda’aniitti abjuu yoomuu dhugoomuu hin dandeenye afarsuu fi  dubbii hundee hin qabneen holola oofuun milkaa’uu yeroo dadhabanitti maatii gocha sana keessaa hin qabne dararaa jiru. 

Exit mobile version