Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Waraanni Israa’el Iraan keessaa bakka meeshaa waraanaa rukutuu yoo ibsu, Iraan misaa’elaa gara Israa’elitti dhukaasuu ibsite; Ameerikaan gama isheen akeekkachiisa mootummaa Iraaniif kennituun cinatti Imbaasii ishee Yerusaalem keessa jiru cufu himte

ONM-ABO Waxabajji 18, 2025 

Waraanni Israa’el Roobii har’aa akka jedhetti, bakka oomishaa meeshaa waa itti laaboraatoriitti adda baasanii fi iddoowwan meeshaa waraanaa hedduu oomishu marsaa kanaan Iraan keessaa rukutuu himte.

“Haleellaa kana irratti jeettiwwan 50 ol kan ta’an kan hirmaatan yoo ta’u, humni qilleensaa Israa’el sa’aatii muraasaa keessatti naannoo Teehraan keessatti haleellaa qilleensaa walitti aansuun raawwateera,” jedha ibsi Raayyaa Ittisa Biyyaa Israa’el.

“Haleellaa kanas akka qaama sagantaa misooma meeshaa niwukilaraa Iraan jeequuf kaayyeffatetti bakki oomisha meeshaalee waa adda baasuu ykn Seentiriifuugii Teehran keessatti haleelameera.”

“Yeroo haleellaa kana, meeshaalee waraanaa fi qaamolee misaa’ela lafa irra gara fuula duraatti furguggisuuf fayyadan oomishuuf gargaaran dabalatee, iddoowwan omisha meeshaa waraanaa hedduun rukutaniiru,” jechuun dabalee dubbateera.

Iraan haleellaa Israa’el booda har’a ganama haleellaa misaa’ela haaypersoonikii Israa’el irratti raawwachuu erga Doonaald Traamp Rippabiliikni Islaamaa “waan haala duree hin qabneen harka kennachuu” gaafateen sa’aatii muraasa booda.

Prezidaantiin Ameerikaa Waashingitan duula boombii michuu ishee Israa’el raawwachaa jirtu keessatti gahee akka hin qabne cimsanii dubbachuun, garuu Iraaniif obsi isaanii qal’achaa akka jiru akeekkachiisaniiru.

Kana kan walqabatuu  biyyi isaanii Ameerikaan waldhabdee waraanaa Israa’elii fi Iraan gidduutti guddachaa dhufe gidduutti hanga Jimaataatti Imbaasii ishee Yerusaalem keessatti akka cuftu ibsiteetti. Sababiin isaas humni US Ameerikaa lola kana gidduu seenuu danda’a jedhamee tilmaamamaa jira jechuun Al Arabiyaa, AFP fi miidiyaaleen biroon gabaasaniiru.

Exit mobile version